Waraana Giddugaleessa Bahaa Addunyaa raasaa jiru…
Finfinnee, Bitootessa 17, 2018 (FMC) – Waraanni Baha Giddugaleessaa Israa’eel fi Ameerikaan Iraan waliin gaggeessaa jiran Addunyaa gaaga’aa jira.
Waraana Baatii tokko guutuuf jiru kanaan Hogganaan Olaanaan Afuuraa Iraan Ayaatoolaahii Alii Kamiiniin ajjeefamuu hordofee gara naannawaatti babal’ateera.
Ameerikaa fi Israa’eel sa’aatii 12 keessatti qofa haleellaa buufataalee Niwukalarii, hoggantootaa fi bu’uuraalee misoomaa Misaa’eelaarratti xiyyeeffate 900 ol raawwataniiru.
Israa’eel hanga ammaatti haleellaa garaagaraa kuma 15 ol Iraanirratti raawwachuu ibsateerti.
Akkasuma Ameerikaa Dooniwwan waraanaa Iraan 17 dhidhimsuu fi iddoolee ijoo oomisha Misaa’eelaa kumaatamatti lakkaa’aman, humna galaanarraa, dhaabbilee waraanaa, kuusaalee boba’aa fi buufataalee calallii boba’aa dabalatee dhaabbilee murteessoo anniisa haleeluu ibsite.
Iraan gama isheen haleellaa deebii fudhatteen Israa’eel dabalatee buufataalee waraanaa Ameerikaa naannawichatti argaman, bu’uuraalee misooma anniisaa, buufataalee xiyyaaraa fi kuusaalee boba’aa misaa’eelaa fi dirooniin haleeluun ibsame.
Akkasuma ulaa daddabarsa boba’aa murteessaa Hoormuuz cufuun addunyaarratti dhiibbaa olaanaa uumuu dandeesserti.
Waraanichi ammas gama hundaan akkuma itti fufetti jira.
Hanga ammaattis loltoonni Ameerikaa 13 yoo ajjeeffaman 290 ammoo madaa’aniiru.
Bu’uuraalee misoomaa Ameerikaarratti haleellaa raawwatameen biyyattiirra miidhaan Doolaara miiliyoona 800 olii qaqqabeera.
Sirnoonni raadaarii ammayyaa 12 fi tarminaaloonni saatalaayitii Ameerikaa hedduun barbadaa’aniiru.
Gama Israa’eeliin lammiileen nagaa 22 fi loltoonni 4 yoo ajjeefaman, namoota kuma 5 fi 229 ta’anirra miidhaan qaamaa qaqqabeera.
Iraanitti iddoolee siiviilii kuma 85 irratti haleellaan raawwatameera.
Lammiileen kumni 1 fi 937 yoo ajjeefaman, kumni 24 ol madaa’aniiru.
Namoonni miiliyoonni 3.2 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru.
Libaanosittis haleellaa Israa’eel raawwatteen namoonni kumni 1 fi 94 ajjeefamuu fi kumni 3 fi 119 madaa’uu Al Jaziiraan gabaaseera.
Sababa walitti bu’iinsa kanaan gatiin boba’aa akkaan dabaluun addunyaarratti gaaga’ama olaanaa uumeera.
#Oromia #Ethiopia