Fana: At a Speed of Life!

Waraana lubbuu lammiilee kuma 2 fi 600 olii galaafate…

Finfinnee, Bitootessa 15, 2018(FMC) – Waraanni Baha Giddugaleessaa hanga ammaatti lubbuu lammiilee kuma 2 fi 660 wareeguun, namoota kuma 28 fi 280 ol ammoo madeessuu gabaafameera.

Waraanni Baha Giddugaleessaa Israa’eel – Ameerikaa fi Iraan gidduutti eegale guyyoota 25 lakkoofsiseera.

Waraanichi miidhaa lubbuu, qaamaa fi diinagdee olaanaa qaqqabsiisaa jira.

Waraanichi lubbuu lammiilee Iraan kuma 1 fi 500 yoo galaafatu, kuma 18 fi 551 madeesseera.

Akkasuma lammiileen Libaanoos kumni 1 fi 39 yoo du’an, kumni 2 fi 876 miidhamaniiru.

Lammiileen Iraaq 61 ajjeeffamuun hedduun madaa’aniiru.

Lammiileen Israa’eel 18 ajjeefamuun, kumni 4 fi 829 madaa’aniiru.

Loltoonni Ameerikaa 13 ajjeeffamuun 200 ammoo madaa’aniiru.

Lammiileen Sooriyaa 4, kan Paalaastaayin 4, Kuweeti 6, Bahireen 2, Saa’uud Arabiyaa 2, Imireetoota Araba Gamtoomanii 8, Oomaan 3 waraana kanaan yoo ajjeeffaman, Kaatarii fi Joordaan dabalatee biyyoota kanneen keessatti lammiileen 240 miidhamuu Aljeziiraan gabaaseera.

Lammiileen Libaanoos miiliyoonni 1 ol qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru.

Biyyoota kanneen gidduutti odeeffannoowwan walfaalleessanii fi burjaajii uumaan bal’inaan tamsaa’aa jiru.

Waraanni kun miidhaa diinagdee olaanaa qaqqabsiisaa jira.

Sababa waraana kanaan Ijipt qofti daldala Hulaa Suwiiz irraa galii Doolaara biiliyoona 10 dhabuu Pireezidaantiin Ijipt Abdulfattaah Al-Siisii beeksisanii turan.

Hanqinni dhiyeessii boba’aa mudate addunyaa raasaa jira.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.