Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Iraan torbeewwan 2 – 3 keessatti xumuramuu danda’a – Pireezidaanti Tiraampi

Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC) – Waraanni Iraan torbeewwan lamaa hanga sadii keessatti xumuramuu danda’a jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi.

Waraanni diinagdee addunyaa raasaa jiru kun yeroo gabaabaa keessatti dhaabbachuu akka danda’u ragaaleen abdii namatti horan dhaga’amaa jiru.

Ameerikaan haleellaa Iraanirratti gaggeessaa jirtu torbeewwan lamaa hanga sadii keessatti xumuruu dandeessi jedhan Pireezidaanti Doonaald Tiraampi ibsa kaleessa kennaniin.

Waraanicha dhaabuuf waliigaltee mallatteessuun dirqama akka hin taane kaasan.

Haa ta’uutii waraanichi yeroo gabaabaa keessatti dhaabbachuu akka danda’u amantaa qabaachuu ibsan.

Iraan yeroo gabaabaa keessatti gara meeshaalee Niwuukalarii gabbisuutti deebi’uu akka hin dandeenye erga mirkaneessinee booda naannawicha gadi lakkifnee baana jedhan.

Ibsi kun kan dhagahame wayita Ameerikaatti gatiin boba’aa daraan dabaluu hordofee dhiibbaa fi qeeqni Pireezidaanti Tiraampirratti jabaachaa dhufetti ta’uu Al Jaziiraan gabaaseera.

Waraanni Bara Faranjootaa Guraandhala 28, 2026 eegale kun addunyaatti dhukkubbii mataa cimaa ta’eera.

Lubbuu lammiilee hedduu wareeguun kumaatamoota ammoo madeessera.

Miiliyoonoota qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqisuun rakkoo hamaaf saaxileera.

Qabeenya biiliyoonaan lakkaawwaman barbadeessera.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.