Warqeen gabaa addunyaatti daballii gatii guddaa dha jedhame galmeessise
Finfinnee, Fulbaana 28, 2018 (FMC) – Gatiin warqee idil addunyaa seenaa keessatti sadarkaa olaanaan dabale.
Bara Faranjootaa 2014tti gatiin warqee ol ba’aa fi gadi bu’aa kan ture yoo ta’u, gatiin guddaa waggicha keessatti mul’atee ture Doolaara kuma lamaa fi 607 ture.
Haa ta’u malee bara 2015tti sadarkaa guddaan dabaleera.
Guyyaa har’aas gabaa Eshiyaa irratti warqeen waqeeti tokko Doolaara Ameerikaa kuma afur galmeessuun seenaa keessatti isa olaanaa ta’uu danda’eera.
Kunis bara Faranjootaa 1970 asi gabaa warqee addunyaa keessatti daballii isaa olaanaa ta’uutu ibsame.
Mootummaan Ameerikaa hanga bara baajetaa itti aanuutti manneen hojii cufuun, akkasumas haalli siyaasaa Jaappaanii fi Faransaay keessatti mul’atu gatiin warqee akka dabaluuf sababa ta’uu CNBC fi miidiyaaleen biroo gabaasaniiru.
Mikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.