Warshaaleen damee Manufakcharingii oomishaalee al ergi fi bakka bu’oo oomishaan lammiilee kuma 63 oliif carraa hojii uumaan – BIIO
Finfinnee, Mudde 15, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti baatiwwan shanan darban Warshaaleen damee Manufakcharingii oomishaalee al ergi fi bakka bu’oo oomishaan lammiilee kuma 63 oliif carraa hojii uumaan jedhe Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa.
Oromiyaatti yeroo ammaa Warshaaleen 161 ol oomishaalee bakka bu’oo, Warshaaleen 96 ol ammoo oomishaalee al ergiirratti xiyyeeffachuun oomishaa jiraachuu Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaatti Daayrekterri hordoffii, deeggarsaa fi To’annoo Manufakcharingii Injiinaar Boontuu Tashoomaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Warshaaleen kunneen lammiilee kuma 63 oliif carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumuu isaanii himan.
Indaastiwwan hawaasa naannoo fayyadaa ofiifis fayyadamoo akka ta’an hojiin hordoffii fi to’annoo bifa addaan taasifamaa jiraachuu dubbatan Injiinar Boontuun.
Hojjettoonni warshaalee kanneen keessa hojjetanis mindaa argannuun jireenyaa keenyaa fi maatii keenyaa dursaa, ogummaa hojiis gabbifachaa jirra jedhan.
Hojii dhabeeyyii turre amma garuu erga hojii argannee hojjennee ofis fayyadaa warshaaleenis bu’aa qabeessa akka ta’aniif itti gaafatamummaan olaanaan hojjechaa jirra jechuun himan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.