Warshaaleen guyyaan Daabboo kuma 300 fi Daakuu Kuntaala 400 ol oomishuu danda’an14 ijaaraman
Finfinnee, Bitootessa 28, 2018 (FMC) -Warshaaleen guyyaan Daabboo kuma 300 fi Daakuu Kuntaala 420 oomishuu danda’an14 ijaaramaniiru jedhe Waajjira Giiftii Duree.
Warshaaleen kunneen kutaalee biyyattii adda addaatti ijaaramuu ibse.
Piroojektoota bu’uuraalee misooma waaraa hojiirra oolaa jiran keessaa warshaaleen Daabboo fi Daakuu ijaaramuun tajaajila hawaasaa eegalaniiru.
Kanaanis warshaaleen guyyaan Daabboo kuma 300 fi Daakuu Kuntaala 420 oomishuu dabda’an 14 kutaalee biyyattii garaagaraatti ijaaramuun gatii madaalawaan hawaasaaf akka dhiyaatan taasifamuu hime.
#Oromia #Ethiopia