Fana: At a Speed of Life!

Warshaan dhugaatii Keenyaa oomisha isaa ifatti beeksise

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Dhaabbiilee qabsoo dinagdee Oromoo keessaa tokko kan ta’e Warshaan dhugaatii Keenyaa har’a ifatti oomishaa isaa gabaaf  beeksiseera.

Sagantaan oomisha dhugaatii Keenyaa beeksiisuu kun magaalaa Finfinnee Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffameera.

Sagantaa kana irratti Ittaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii ,Walitti qaba boordii Aksiyoonaa Warshaa Oomisha Dhugaatii Keenyaa obbo Nawaay Magarsaa, abbootii gadaa ,abbootiin aksiyoonaa fi  keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Hojii Raawwachisaa olaanaan warshichaa obbo Abbiyyuu Abarraan, Oomishni warshaa dhugaatii Keenyaan hawaasaa naannawaaf gahee qaba jedhan.

Warshaan kun namoota 250 oliif carraa hojii dhaabbii uumeera jedhan.

Yeroo itti aanu ammoo namoota kuma 1 oliif carra hojii ni uumaan eegama.

Daayrekterri oolaanaan warshichaa Injinar Afawarq Laggasaan, har’aa eegalee oomishni warshaa Keenyaa bakkeewwan, bashanannaa, hooteelotaafi bakkeewwan birootti ni argama jedhan.

Warshichi waggaatti dhugaatii Qaruuraa Biiliyoona 1 ol akka omishu ibsan.

Warshaan oomisha dhugaatii Keenyaa abbootii Aksiyoonaa kuma 5 oliin kan hunda’eedha jedhan Injinar Afawarq.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.