Warshaan oomisha dhugaattii Keenyaa teeknooloojii ammayyaan ijaarame- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee
Finfinnee, Waxabajjii 7, 2017 (FMC)- Warshaan oomisha dhugaattii Keenyaa teeknooloojii ammayyaa sadarkaa addunyaan amma irra geesseen ijaarame jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Warshichi hawaasaa naannawaaf carraa hojii uumuu kaasanii, teeknoolojii ammayya sadarkaa addunyaan irra geesseen ijaaramuun taajajila kennuu eegaleera jedhan.
Warshichi jiddugalaa qorannoo ta’uun hawaasa godinichaafi biyyattii tajaajiluu akka danda’us eeran.
Warshaan oomisha dhugaatii Keenyaa akkuma qabeenya hawaasaa ta’ee hawaasaa naannawaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu hubachiisaniiru.
Qaamolee hojichi sadarkaa kana irra akka gahuuf gumaachan galateeffataniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.