Fana: At a Speed of Life!

Warshichi Dhagaa cilee Toonii kuma 38 ol dhiquun gurgure

Finfinnee, Caamsaa 19, 2017 (FMC) – Waldaan Aksiyoonaa Misooma Albuudaa ET Warshaan Dhiqaa fi Qindeessaa dhagaa Cilee, Dhagaa Toonii kuma 38 dhiquun gurguruu ibseera.
Waldaan Aksiyoonaa Misooma Albuudaa ET Warshaan Dhiqaa fi Qindeessaa dhagaa Cilee Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Godina Daawurootti Amajjii 16, 2017 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamuun hojii eegaluun kan yaadatamuudha.
Warshaan kun oomisha dhagaa cilee sadarkaa biyyaalessaa fooyyeessuurra darbee jiraattoota naannawichaaf carraa hojii bal’aa uumuun ibsameera.
Warshaa guyyaan Dhagaa Cilee Toonii kuma 3 fi 600 oomishuu danda’u ta’uu Daayrekterri Olaanaan Ejansii Misooma Albuudaa fi Inarjii Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Gabramaariyaam Saxxanyi Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Hanga Caamsaa 2, 2017ttis Dhagaa Cilee Toonii kuma 38 fi 91 dhiquun gabaaf dhiyeessuu dubbataniiru.
Lammiilee 195’f carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumuus kaasaniiru.
Yohaannis Darribawutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.