Fana: At a Speed of Life!

Wayita Ayyaana Id Al Adahaa Kabajnu barsiifata amantichaa hordofuu fi hojirra oolchuun ta’uu qaba – Hajii Ibraahiim Tufaa

Finfinnee, Caamsaa 27, 2017 (FMC)– Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh Hajii Ibraahiim Tufaan ayyaana Id Al Adahaa 1446ffaa sababeeffachuun hordoftoota amantichaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin hawaasni muslimaa wayita ayyaanicha kabaju barsiisa amantichaa hordofuu fi hojirra olchuun ta’uu qaba jedhan.

Sheeh Hajii Ibraahiim ,Nabiyyuu Mahaammad barsiifata isaanii keessatti guyyaan arafaa guyyaa hundummaa caaluudha jechuu isaanii dubbatan.

Ayyaannichi manattis ta’ee Addabaabaayitti naamusa Islaamummaan kabajamuu qaba jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

Hawaasni muslimaa akkuma yeroo biraa qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya isaa waloon eeggachuu akka qabuus hubachiisaniiru.

Pireezidaantichi Ayyaanni Id Al Adahaa 1446ffaan Jimata kan kabajamu ta’uu ibsuun,tokkummaan, wal deeggaruu fi lammiilee rakkatan gargaruun ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.