Wiirtulee Konkolaattoota Elektirikaa walitti hidhan babal’isuuf…
Finfinnee, Bitootessa 21, 2018(FMC) – Waggoottan itti aanaan Wiirtuulee biyya keessatti Konkolaattoota Elektirikaa walitti hidhan 60 qaqqabsiisuuf hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii.
Dhiibbaa hirkatummaa boba’aan dhufu dandamachuuf Konkolaattoota Elektirikaa babal’isuuf hojjetamaa jira jedhan Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii obbo Bari’oo Hasan.
Yeroo gabaabaa keessatti lakkoofsa konkolaattoota Elektirikaa kuma 500’n gahuuf karoorfamuu dubbatan obbo Bari’oon turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii waliin taasisaniin.
Yeroo ammaa wiirtuuwwan Konkolaattoota Elektirikaa walitti hidhan 17 jiraachuu eeruun, gara 60tti guddisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Buufataaleen Konkolaattoota walitti hidhan hundi gara Konkolaattoota Elektirikaa walitti hidhuutti akka jijjiiraman qajeelfamni darbuu dubbatan.
Buufataaleen Boba’aas giddugala Chaarjessa Elektirikaa akka qabaataan kallattiin kaa’amuu kaasan.
Qaamolee damee Konkolaattoota Elektirikaa dhiyeessurratti bobba’aniif deeggarsi maallaqaa fi kanneen biroo taasifamaafii jiraachuu himan obbo Bari’oon.
Bara 2016 eegalee dhaabbileen Mootummaa hundi Konkolaattoota Elektirikaa qofa akka bitan godhameera jedhan.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase
#Oromia #Ethiopia