Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaaniin Awurooppaafi Afrikaa gidduutti riqicha ta’uun tumsawwan ni cimsiti- Ministira Muummee Ji’oorjiyaa Meeloonii

Finfinnee, Guraandhala 7, 2018(FMC)- Xaaliyaaniin Awurooppaafi Afrikaa gidduutti riqicha ta’uun tumsa siyaasaa cimsuun sosochiiwwan Gamtaa Afrikaa ni deeggarti jedhan Ministirri Muummee Xaaliyaanii Ji’oorjiyaa Meelooniin.

Ministirri Muummee Xaaliyaanii Ji’oorjiyaa Meelooniin Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti ergaa dabarsaniin, Xaaliyaaniin dhimmoota Afrikaan dursa kennituuf irratti qooda ishee bahachuuf akka hojjettu ibsaniiru.

Biyyi isaanii dhaabbilee fi deeggartoota daldalaa idil-addunyaa waliin ta’uun walitti hidhamiinsa gabaa Afrikaafi pirojektoota bu’uuraalee misoomaaf deeggarsa taasisuus eeran.

Dameewwan dargaggoota ardichaaf carraa hojii waaraa uuman kanneen akka barnootaa, leenjii ogummaa, kalaqaafi indaastirii irratti hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

Xaaliyaaniin leenjiiwwan hubannoo nam-tolchee akkasumas dameewwan teeknooloojii biroon kennaman kan deeggartu ta’uus dubbataniiru.

Xaaliyaaniifi Awurooppaan Afrikaa malee carraa egeree isaanii karoorsuu hin danda’an jedhanii, gahee Afrikaan sadarkaa idil-addunyaatti qabdu olaanaa akka ta’es ibsan.

Yaa’ichi hariiroo Afrikaafi Awurooppaa irratti boqonnaa haaraa uumuuf akka dandeessisu kaasanii, dameewwan qorannoo, yuuniivarsiitii, kalaqaa fi ogummaan tumsi cimaan akka uumamuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee Ji’oorjiyaa Meelooniin Itiyoophiyaan walga’ii Xaaliyaanii-Afrikaa gaggeessuu isheef Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin galateeffataniiru.

Soosinnaa Alamaayyoon.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.