Xaa’oo Biyyee yeroon qonnaan bultoota biraan gahuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Bitootessa 26, 2018 (FMC) – Xaa’oo biyyee yeroon qonnaan bultoota biraan gahuuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaan.
Ministeerri Qonnaa sagantaa sosochii misooma midhaanii bara oomishaa 2018/19 bakka hoggantoonni biiroolee qonnaa naannoolee argamanitti magaalaa Adaamaatti gaggeesseera.
Obbo Addisuu Araggaa wayita kanatti haasawa taasisaniin, raabsa xaa’oo biyyee saffisisuuf kanneen dursi kennamuuf adda baasuun hojiin geejjibsisuu raawwatamaa jira jedhan.
Qonna Arfaasaa bara kanaaf dhiyyeessiin xaa’oon gahan jiraatus bara dhufu gatii galteewannii dabaluu maluuf deebii kennuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan hirkatummaa xaa’oo biyyoo jala bahuuf tattaaffii taasifamu cimsuuf hojiin jalqabbii xaa’oo uumamaa bakka hundatti cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Hoggantoonni damichaa naannoolee xaa’oon yeroo isaatiin qonnaan bultoota bira akka gahuuf dirqama isaanii akka bahatan hubachisaniiru.
Bara Baajataa kana xaa’oo Jibuutii qaqqabe dabalatee kuntaalli miiliyoonni 20 biyya keessa galuu hubachiisaniiru.
Naannooleen hundi qabeenya uumamaa qaban sirnaan misoomsuun adeemsa eegalame qabatamaatti mirkaneessuun barbaachiisaa ta’uu kaasaniiru.
Tattaaffii bal’aa naannoo Oromiyaatti taasifameen lammiileen sagantaa seeftiineetiin deeggaramaa turan guutummaatti gargaaramtummaa jalaa bahuu eeraniiru.
Gama biraan naannoo Amaaraatti oomisha ruuzii aanaa Foogaraatti daanga’ee ture gara naannolee birootti babal’isuun oomishtummaa isaa guddisuun akka danda’ame kaasaniiru.
Dhiibbaa idil-addunyaa yeroo ammaa dandamachuun oomishaafi oomishtummaa itti fufsiisuuf qaamoleen qooda fudhattootaa xiyyeeffannoofi qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Masaafint Birilleetu gabaase.
Oromia #Ethiopia