Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oo uumamaa biyyoo gabbisuu fi oomisha olaanaa kennuu danda’u oomishaan jira – Yuunivarsiitii Salaalee

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2017 (FMC) – Xaa’oo uumamaa (Kompoostii Raammoo) biyyoo gabbisuu fi oomisha olaanaa kennuu danda’u oomishaan jira jedhe Yuunivarsiitii Salaalee.

Gosoota Raammoo ‘Isseeniyaa fatiidaa’ jedhamu kan qilleensa naannoo dandamatuu fi dandeettii Xaa’oo oomishuu olaanaa qabu fayyadamuun baay’inaan oomishuun tajaajila hawaasaaf oolchaa jirra jedhan Yuunivarsiitii Salaaleetti Muummee Qabeenya Uumamaa fi Eegumsa naannootti Qorataa fi Barsisaa kan ta’an Taaddasaa Girmaan.

Giddugala kanatti qorannoo gaggeessaa, barattoota barsiisaa fi oomishuun tajaajila hawaasaaf oolchaa jirra jechuu ibsan.

Xaa’oon Dikee beelladootaa fi hambaalee oomishaaleerraa qophaa’u kun biyyoo gabbasuu fi oomisha olaanaa kennuu kan danda’u, akkasumas biyyoo keessa yeroo dheeraaf turuu akka danda’u kaasan obbo Taaddasaan.

Qonnaan bultoonni aanaalee godina Shawaa Kaabaa giddugalichatti leenji’uun dhuunfaa isaaniin xaa’oo uumamaa kana qopheeffachuu eegaluu dubbatan.

Bu’aan isaas bara baraan mul’achaa adeema malee adda hin citu jedhan.

Xaa’oo namtolchee caalaa oomishtummaan isaa guddaa ta’uu agarreerra jedhan qonnaan bultoonni Xaa’oo uumamaa (Kompoostii Raammoo) fayyadamuu eegalan kunneen.

Xaa’oo namtolchee bakka buusuuf xaa’oo uumamaa qopheessurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirra jedhan Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Fayyeeraa Dhiinsaan.

Xaa’oon oomishuun kun hawaasa keessatti akka babal’atu qonnaan bultootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru dubbatan Dooktar Fayyeeran.

Xaa`oon Uumamaa kun gabbina biyyee dabaluun xaa’oo namtolchee caalaa Oomishaafi Oomishtummaa guddisuu akka danda’u eeran.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.