Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon kuntaalli Miliyoonni 21 gara biyyaa seenaa jira – Ministeera Qonnaa

Finfinnee 11, 2017(FMC) – Xaa’oon kemiikaalaa qonna gannaa bara 2017/18’f oolu kuntaalli miliyoonni 21 gara biyyaatti geejjibsiifamaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.

Akka ibsa ministeerichaatti qonna gannaa bara kanaan lafa heektaara Miliyoona 20.43 midhaan gosa adda addaan uwwisuun calla kuntaala miliyoona 600 fi miliyoona 59 ol sasaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Ministeerichatti Hojiraawwachiisaa dursaan misooma midhaanii Isaayyaas Lammaa TOItti akka himanitti, hojiin walabummaa midhaan nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuu dandeessisu hojjetamaa jira.

Kanaanis jal’isii boneen, qonna arfaasaa fi filannoowwan waqtiilee misooma midhaaniibiroo babal’isuun oomishtummaa qonnaa irratti bu’aaleen abdachiisoon galmaa’aa jiru.

Tattaaffii walabummaa midhaan nyaataa Itiyoophiya mirkaneessuu keessatti qophiin lafaa, xaa’oon kemiikaalaa fi dhiyeessiin sanyiiwwan filatamaa ga’ee olaanaa ba’aachaa akka jiranis kaasan.

Yeroo dhiyoo asitti qophii lafaa dursee bittaan xaa’oo raawwatamuun qonnaan bulaan galteewwan qonnaa yeroon akka argatuuf carraa akka uumes dubbataniiru.

Bara baajetaa 2017/18 kanattis qonna gannaatiif kan oolu xaa’oon kuntaalli miliyoona 21 ol gara Itiyoopphiyaatti geejibsiifamee karaa waldaalee bu’uuraatiin qonnaan bulaaf raabsamaa akka jiru mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeff

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.