Xannachi Kiloogiraamni 14 haadha tokko keessaa wal’aansaan baafame
Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC )- Godina Boorana Bahaa Hospitaala waliigalaa Nageellee Booranaatti xannachi Kiloogiraama 14 ulfaatu haadha tokko keessaa tajaajila baqaqsanii wal’aanuun baafame.
Xannachi kun haadha umrii waggaa 70 keessaa tajaajila baqaqsanii wal’aanuu sa’aatii 2 ol fudhateen kan ba’e ta’uu Hospitaalichatti Ispeeshaalistiin baqaqsaanii wal’aanuu Dooktar Taarikuu Galdaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Wayita ammaa haati xannachi kun ba’eef fayyummaa gaarii irratti kan argaman ta’uu Dooktar Taarikuun dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.