Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaara konkolaataan walitti bu’uun lubbuu balaliisaa fi gargaaraa galaafate

Finfinnee, Bitootessa 14, 2018 (FMC) –Xiyyaarri Moontiriyaal irraa gara Niwuyorki Buufata Xiyyaaraa Laagaarditti balali’e Konkolaataan walitti bu’uun lubbuu namoota lamaa galaafachuu gabaafame.

Xiyyaarri moodeela ‘Air Canada CRJ 900’ jedhamu erga qubatee booda konkolaataa balaa biraaf deebii hatattamaa kennuuf imala irra jiru waliin walitti bu’uun lubbuu balaliisaa fi gargaaraa balaliisaa galaafateera.

Xiyyaarri kun hojjettoota balallii 4 fi imaltoota 72 fe’ee ture.

Balaa kanaanis namootni hedduun miidhamuu ibsameera.

Ka’umsi balichaa hanga qulqullaa’uutti buufanni xiyyaarichaa yeroof cufamuu fi balalliiwwanis adda cituu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.