Xiyyaaronni Humna Galaanaa Ameerikaa lama Kibba Galaana Chaayinaatti kufuun caccaban
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC) – Xiyyaaronni Humna Galaanaa Ameerikaa lama garaagarummaa daqiiqaa 30 keessatti Kibba Galaana Chaayinaatti kufuun caccabuun gabaafame.
Xiyyaaroonni kunneen Galaana Kibba Chaayinaatti wayita hojii idilee raawwatan balaan kun isaan mudachuutu ibsame.
Hojjettonni balallii taasisaa turan shan balicharraa ooluu fi xiyyaaronni caccaban kunneen gara Humna Galaanaa Ameerikaatti ergamuutu eerame.
Taateen kun taatee hin baramne ta’uu kan ibsan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi, rakkoo hanqina boba’aa ta’uu akka malu eeran.
Ka’umsi balichaa qulqullaa’aa jiraachuu fi yeroo dhiyootti kan ifoomu ta’uu kaasan.
Balaa Xiyyaarota lameen mudate Mootummaan Chaayinaa qorachaa jiraachuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Guu Jiyaakuun dubbachuu ‘Reuters’ gabaaseera.
Miikiyaas Ayyaalaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.