Xiyyaarri Raashiyaa imaltoota 49 fe’ee imalaa ture kufee caccabuun lubbuun imaltoota hundaa darbe
Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC) – Xiyyaarri Raashiyaa imaltoota 49 fe’ee imalaa ture kufee caccabuun lubbuun imaltoota hundaa darbuu gabaafame.
Xiyyaarri daa’imman 5 dabalatee imaltoota 43 fi hojjettoota balallii 6 fe’ee imalaa ture kufee caccabuun lubbuun namoota hundaa darbuu ‘The Moscow Times’gabaase.
Xiyyaarri Antoonoov AN – 24 jedhamu kun dhiyeenya magaalaa Tiiyindaatti kufee caccabuutu ibsame.
Xiyyaarri kun Bulchiinsa AmuuriBilaagoovishicheesikiinii ka’uun gara buufata xiyyaaraa magaalaa Tiiyindaatti imalaa turte.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.