Fana: At a Speed of Life!

Xiyyeeffannoon damee qonnaaf kenname oomishaafi oomishtummaa guddiseera- Ministeericha

Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Waggoottan darbanitti xiyyeeffannoo mootummaan damee qonnaaf kenne oomishaafi oomishtummaa guddiseera jedhe Ministeerri Qonnaa.

Ministeerichi Sosochii misooma midhaanii waqtii Arfaasaafi Gannaa bara oomishaa 2018/19 ilaalchisee ibsa kenneera.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Mallas Makonnin ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan qabeenya lafaa, bishaaniifi kanneen biroo oomishaafi oomishtummaa guddisuu danda’an qabaachuu eeran.

Riifoormii biyyaalessaa hordofee damee qonnaa ammayyeessuuf hojiilee hedduun hojjetamuu kaasanii, imaammanniifi sagantaaleen garaagaraa fooyya’an hojiirra ooluu dubbataniiru.

Dabalataanis tattaaffii waloo hoggantootaa, ogeeyyii qonnaafi qonnaan bultootaan oomishaafi oomishtummaan guddachuufi milkaa’inni hedduun galmaa’uu eeran.

Keessumaa misooma qamadii jallisii boneen milkaa’inni guddaan galmaa’eera jedhan.

Yeroo itti aanutti oomishtummaa midhaaniifi lafa qonnaa qotamu guddisuuf akkasumas hojiilee eegumsa biyyee irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.

Yashaambal Mihiratitu gabaase.

Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.