Fana: At a Speed of Life!

Xiyyeeffannoon guddina indaastiriif kenname bu’aa fidaa jira- Ambaasaaddar Girmaa Birruu

Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC) – Xiyyeeffannoon guddina indaastiriif kenname bu’aa fidaa jira jedhan Gorsaan Diinagdee Gooroo Ministira Muummeefi Walitti qabaan Kaawunsilii Biyyaalessaa Indaastirii Oomishaa Ambaasaaddar Girmaa Birruun.

Miseensonni Kaawunsilii Biyyaalessaa Indaastirii Oomishaa guyyaa har’aa magaalaa Baahir Daaritti warshaalee garaagaraa daawwataniiru.

Ambaasaaddar Girmaa Birruu wayita kana mootummaan haala qabatamaa indaastirii oomishaa xinxaluun rakkoolee mudatan furuuf hojjechaa jira jedhan.

Kaawunsilichi rakkoolee damichaan mul’atan qindoominaan furuun warshaaleen akka cimaniifi bu’a qabeeyyii akka ta’aniif deeggaraa jiraachuus kaasaniiru.

Kaayyoon daawwannaa kanaas indaastiriiwwan daawwachuun rakkoolee mudachaa jiran qindoominaan furmaata kennuuf ta’uu eeranii, indaastiriiwwan Baahir Daar oomisha bakka bu’oo fi damee qonnaa waliin walitti hidhamiinsa cimaa uumuun bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabal gama isaaniin, hojiilee damichaan hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu kaasaniiru.

Oomishaaleen oomisha alaa galan bakka bu’an sadarkaa olaanaan guddachaa jiraachuu, carraan hojii bal’aan uumamuufi oomishtummaan dabaluu eeraniiru.

Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaan, Magaalaa Bahir Daaritti indaastiriiwwan deeggaruun imala gara indaastiraalaayizeeshiniitti taasifamuuf hojiileen bu’uura ta’an hojjetamaa jiru jedhan.

Komishinarri Komishinii Gumruukaa Dabalee Qaabataan ammoo magaalichatti indaastiriiwwan keessatti sosochiin hojii olaanaan jiraachuu ibsuun, qindoominni hoggansaafi oomishtoota gidduu jiru cimaa ta’uu ilaaluu dandeenyeerra jechuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.