Fana: At a Speed of Life!

Xomborri Olompikii Oromiyaa keessa ture har’a Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaaf dabarfamuuf imalaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2017 (FMC) – Naannoo Sidaamaarraa Oromiyaan kan simatame Xomborri Olompikii har’a Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaaf dabarfamuuf imalaa jira.
Mallattoo Nageenyaa, Obbolummaa fi tokkummaa kan ta’e Xomborri Olompikii kun naannoo Geddugaleessa Itiyoophiyaa qaxxaamuruun Magaalaa Jimmaatti sirna hoo’aa kan simatamu ta’uu Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaatti Daayrektarri Kominikeeshinii obbo Rabbiyyuu Tamaam Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Hanga Magaalaa Jimmaa ga’utti kutaalee hawaasaa garagaraan wal harkaa fuudhinsi akka taasifamuuf obbo Rabbiyyuu himaniiru.
Kaayyoo guddaan Xomborichaa sosochii Ispoortii caalmaatti babal’isuu fi hariiroo hawaasaa cimsuudha jedhan.
Magaalaan Shaashamannee fi Baatuun Xomboraa kanaaf simaannaa hoo’a taasisuun kan yaadatamuudha.
Taphni Guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaan Waxabajjii 10, 2017 magaalaa Jimmaatti ni eegala.
Siifan Magarsaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.