Xumuramuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun Magaalaa Kamisee fi naannoo isheetti hiriirrii deeggarsaa gaggeeffame
Finfinnee, Fulbaana 6, 2018 (FMC) – Xumuramuu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa sababeeffachuun Magaalaa Kamisee fi naannoo isheetti hiriirrii deeggarsaa gaggeeffameera.
Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa xumuramuun isaa seenaa dubbachuu irraa gara seenaa hojjechuutti nu ceesise jedhan Naannoo Amaaraatti bulchaan Bulchiinsa Saba Oromoo obbo Ahimad Aliin.
Barri kun bara injifannoo addaa ta’uu ibsuun, injifannoo hidha haaromsaatiin arganne hojiilee misoomaa birootiinis dabaluuf xiyyeeffannaan hojjachuu qabna jedhan.
Jiraattoonni naannawichaa hojiiwwan misooma biyyaalessaa deeggaruuf waadaa galaniiru.
#Oromia #Ethiopia