Xumuramuun Hidha Haaroomsaa Walitti hidhamiinsa diinagdee naannawichaa guddisa
Finfinnee, Adoolessa 3, 2017 (FMC)- xumuramuun Hidha Guddicha Haaroomsa Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa diinagdee guddisuun naannawaa Baha Afrikaatti nageenya waareessa jedhan hayyoonni.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad torbee darbe ibsa Bakka Bu’oota Mana Mareef kennaniin, Hidhi Haaroomsa Guddichi Itiyoophiyaa xumuramuu fi barii birraa kan eebbifamu ta’uu ibsuun isaanii yaadatama.
Xumuramuun hidhichaa walitti hidhamiinsa naannawichaa kan guddisuufi Baha Afrikaatti nageenyi akka jiraatuuf deeggara jedhan haayyoonni Siyaasaa fi hariiroo Idil addunyaa.
Xinxaalaan Dhimmoota Siyaasaa Seenessaa Dammiseen, hidhi haaroomsaa Itiyoophiyaa humna olaanaa kan qabate ta’uu isaan hammattoo dippiloomaasii idil addunyaa kennanii fudhachuu hojiirra oolchuun Baha Afrikaaf karra nageenyaa bana jedhan.
Waan qaban waliif qooduun walitti dhufeenya diinagdee guddisuun naannawichatti nagaa buusuun akka danda’amuus kaasaniiru.
Yuunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil addunyaa Yeeyyoobzar Zaawudeen gamasaaniin,xumuramuun hidhichaa Dhiibbaa Itiyoophiyaa kan guddisuudha jedhan.
Kana malees naannawaa Baha Afrikaaf faayidaa olaanaa qabatee akka dhufu taasisa jedhan.
Kibrawasen Nuuritu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.