Fana: At a Speed of Life!

Yaadamni magaalomsuu gochaan dabaalamuu eegale cimee itti fufa- BKO

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018 (FMC)- Yaadamni magaalomsuu gochaan dabaalamuu eegale cimee itti fufa jedhe Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Biirichi Yaadama magaaloomsuu irratti ibsa baaseera.

Guutuun ibsichaa akka itti aanuutti dhiyaateera.

Biyyootni Addunyaa hedduun imaammata deemsa magaalomsuu sirnaawaa, hammataafi dorgomaa ta’e hojiirra oolchan yeroo gabaabaa keessatti guddina hunda galeessa galmeessuun milkaa’inaaf fakkeenya ta’uu danda’aniiru.

Kanneen deemsa magaalomsuu sirnaawaa ta’e hordofuu dhabuun quucaraniifi dhabamanis jiraachuu seenaan guddina magaalotaa ni mul’isa.

Seenaan magaalomsuu magaalota biyya keenyaa umurii dheeraa qabaatus sirnaawaafi hammataa ta’uu dhabuu isaatiin qormaata walxaxoon kan guutame, guddina irraa kan fagaateefi dhiibbaa sirnaawaan keessatti diriire ture.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa magaalomsuu Oromiyaa keessa ture gad fageenyaan xiinxalaa kan dhufe yoo ta’u, sanaanis sirni ijaarsa magaalotaa kan lafa dhuunfatee nama dagate ta’uu isaa addaan baasuun danda’ameera.

Imalli magaalomsuu ture kun xaxamiinsa hawaasummaaf dinagdee hamaa keessummeessaa kan dhufeefi hirmaachisummaas bu’uuraan kan looge ture.

Kanaanis rakkoo hawaas-dinagdee hammeessuun jiraattota ganamaa ofirraa gaaga’ee dhiibbaa caasawaaf sirnaawaa ta’e namaafi naannoo irratti uumeera.

Seenessa dabaa gochaan dabaalamee waggootaaf itti yaadamee irratti hojjetamaa dhufeen Oromoof sirni Oromoo jiddugala magaalaa irraa akka dhiibamu taasisuu bira darbee magaalaarraa fagaatee akka jiraatu taasiseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa seenaa ijaarsa magaalaa bifa qeenxee lafti dhuunfatamee namni itti dagatame bifa tarsiima’aan qolachuuf modeela magaalomsuu haaraa hammattoo nama, lafaafi mootummaa magaalomsuutiin ergama maraammartoo seenaa kufaatii kana bu’uura irraa maksuun danda’amu hojiitti hiikaa jira.

Imala kana milkeessuuf gurmaa’insi magaalota Oromiyaa kan gaggeeffame yoo ta’u, galmi isaa magaalaa jiraattota ganamaaf duudhaa isaa hammachuun jiruuf jireenya namaa fooyyessu, guddina dinagdee milkeessuun misooma magaalaa itti fufiinsa qabu dhugoomsu, damdamannaa naannawaa uumuun magaalaa ammayyaawaafi hammataa ta’e ijaaruu irratti kan xiyyeeffatedha.

Adeemsa magaalomsuu keessaa tokko kan tahe lafa magaalomsuun modeela hanqinootaafi seenessa dabaa lafa magaalomsuurratti hojjetamaa ture bu’uura irraa maksuun bu’uuraalee misoomaa babaldhisuu, carraa sagantaa ijaarsa mana jireenyaa gatii madaalawaa uumuu, riifoormii to’annoo balfaa hojiirra oolchuu, ce’umsa dijiitaalaa dhugoomsuu, karoorafi itti fayyadama lafaa ammayyeessuu, walsima namaafi naannawaa uumuu irratti ejjennoo qajeelaafi hammataa ta’e qabachuun magaala jireenya ilma namaaf mijaawaa ta’e ijaaruudha.

Kanaafis tarkaanfii haaraan misooma Koridarii hammattoo roga milkaa’inaa magaalomsuu sadarkaa olaanaatti bifa ammayyaa’aan ceesise dorgomtummaafi miidhagina magaalotaa kan mirkaneessedha.

Hammattoon modeela magaalomsuu Oromiyaa xiyyeeffannoon kennameef kan biraan nama magaalomsuudha.

Ummata keenya keessaa, jiraataan magaalaa % 21 qofaa yoo ta’u innumtuu amalaafi ilaalama magaalummaa kan hin gonfannedha.

Kanaanis Ogummaa bizinesii irraa kan fagaateefi aadaa qusannaa kan hin gabbifanne ta’ee jiraata.

Kana malees, kalaqummaatti madaquun teknoolojiifi daldala waliin tarkaanfachuu irratti danqaa hamaatu jira.

Imala modeela magaalomsuu kanaan maraammartoo keessa turre keessaa dammaquun amalaafi ilaalama akkasumas mala jireenya magaalaatti uummata keenya madaqsuuf kan hojjetamudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa qusannaa, horata ogummaa, kalaqoomsuu, itti fayyadama teknoolojiifi ilaalama dhaweessummaa jajjabeessuun nama magaalomsuuf hojii eegale cimsee itti fufa.

Galmoota tarsiimo’aa magaalomsuu Oromiyaa inni sadaffaan mootummaa magaalomsuu yoo ta’u, innis kenniinsa tajaajilaa bara waliin deemu sirnoomsuun kan ibsamudha.

Riifoormiin caasawaa hojiirra oolfame keessaa ijoon kenniinsa tajaajila mootummaa hundagaleessa mirkaneessuu, dhaqqabamaafi itti quufinsa kan mirkaneessu taasisuudha.

Kunis imala mootummaa magaalomsuun kan milkaa’u yoo ta’u rakkoolee kenna taajaajilaa furuun tajaajila dijiitaalaa hojiitti hiikuu, adeemsa bulchiinsaa fooyyessuufi hirmaachisummaa lammilee guddisuu irratti kan fuulleffatedha.

Rincicummaa damee kanarra jiru galmoota tarsiima’oo magaalomuu kan qoru ta’us hordoffiifi deeggarsa barbaadamu taasisuun magaalomsuu bu’uuressuuf kutannoon hojjetama.

Mijatummaa hojii biisinasiitiin naannoon keenyaa sadarkaa jalqabaarra kan jiru ta’us gatachiisa biizinasiitiinis naannoon keenya qormaata keessa jira.

Kanaaf mootummaa interpirunaraa ijaaruufi magaalumuutti sirnaan madaquun dorgommii addunyaan keessa jirtu waliin tarkaanfachuuf mootummaa magaalomsuu irratti kutannoon hojjetamaa jira.

Dorgommii Addunyaan keessa jirtu keessatti injifannee argamuufi galma imala badhaadhinaa qabanne milkeessuuf lafa, namaafi mootummaa magaalomsuun dhimma egereef hin bulfamne taasisuun hunduu gumaata irraa eegamu taasisuu qaba.

Imalli Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu magaalomsuu mirkaneessuun galma kan ga’u waan ta’eef uummatni naannoo keenya gumaacha irraa eegamu akka taasisu waamicha dhiyeessina.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Onkoloolessa 2018
Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.