Fana: At a Speed of Life!

“Yaa’i kanaan seerri cimaan aadaa keenya ganamaatti nu deebisu  ni lallabama.” Abbaa Gadaa Sikkoo Mandoo

Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) –  Yaa’ii Sikkoo Mandoo eegalameen seerri cimaan aadaa keenya ganamaatti nu deebisu  ni lallabama jedhan Abbaan Gadaa Sikkoo Mandoo Aliyyii Mohammad Suruur.

Abbaan Gadaa Sikkoo Mandoo  Aliyyii Mohammad Suruur Yaa’ii Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo Godina Arsii Lixaa, Aanaa Arsii Negellee hara laangaanoo irratti geggeeffamaa jiru ilaalchisuun ibsa kennaniin yaa’ii kanaan seerri cimaan aadaa keenya ganamaatti  nu deebisu ni lalllabama jedhaniiru.

Yaa’ii kanaan seeronni fuudhaafi heerumaa Arsii Sikkoo Mandoo qajeeltoo aadaa keenya ganamaatiin akka raawwatamuuf seerri kan lallabamu ta’uu dubbataniiru.

Gama birootiin aadaa keenyaafi ulfina ilmi abbaaf qabutti deebi’uuf murtiin kan darbu ta’uu himanii, hanna, sobaan ragaa wal irratti bahuufi aadaa hojii qabnu ilaalchisees seerri kan labsamu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, yaa’ii kanaan  shamarran  karaa seeraan alaa faddaalaan gowwomsamanii biyya alaa bahanii rakkoo adda addaatiif saxilaman ilaalchisuun seerri kan labsamu ta’uus ibsaniiru.

Namni gadaa ofiitti bule ulfina argata kan  jedhan Abbaan Gadaa Sikkoo Mandoo Aliyyii Muhammad Suruur aadaa keenya, ulfina kaleessa qabnutti deebi’uu  qabna jechuun hubachiisuu isaanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ni mul’isa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.