Yaa’ichi Ayyaana Mawuliidaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarse
Finfinnee, Hagayya 28, 2017 (FMC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Ayyaana Mawuliidaa waggaa kuma 1 fi 500ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarse.
Yaa’ichi baga ayyaana yaadannoo Nabiyyuu Mahaammad waggaa kuma 1 fi 500ffaa nagaan geessan jechuun hawwii gaarii qabu ibseera.
Ayyaanichi bara kana taateewwan guguddoo lama keessatti kabajamuun adda kan isa taasisu ta’uu eere.
Inni jalqabaa bakka bu’aa fi Dhaabbata Musiloota Itiyoophiyaa qofa kan ta’e Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa dhaabbilee sadarkaan jiraniif filannoo hoggansaa wayita gaggeessetti kan kabajamu yoo ta’u, Inni 2ffaan ammoo wayita Mallattoo Itiyoophiyaanoota kan ta’e Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa eebbisuuf jala bultiirra jirrutti ta’uu isaati jedhe.
Sababa kanaan Ayyaanni Mawuliidaa bara kanaa gammachuun dacha qaba jechuun ibse.
Akkaataa barsiifata amantaa Islaamaan dhalachuun Nabiyyuu Mahaammad ergama kan qabuudha.
Jireenya dhala namaa dukkana keessa ture gara daandii ifaatti kan baaseedha.
Miidhaa, nama maleessummaa, cubbuu fi yakki kan itti haqameedha.
Dhalli namaa cubbuufi yakka sodaachuun of eeggannoon akka jiraatu kan dandeessise ta’uu isaan, guyyaa dhalachuu ergamichaa wayita kabajnu oolmaa uumaan nuuf oole galateeffachaa fi seenaa isaanii yaadachaa ta’uu akka qabu hayyoonni amantichaa ni barsiisu jedhe yaa’ichi ergaa isaan.
Guyyaa Ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mahaammad wayita kabajnu ergamichi baroota lafa kanarra jiraatan hunda firoottan isaaniif qofa osoo hin taane gochaa namoomaa, jaalala, kabaja, gara laafummaafi wanta gaarii dhala namaa hundatti agarsiisan yaadachuunii fi fakkeenyummaa isaanii haalaan hordofuuf waadaa seenuuniifi hojiirra oolchuun ta’uu qaba jedhe.
Kaayyoon Nabiyyuu Mahaammad gara lafa kanaatti ergaman keessaa haqaafi nageenya mirkaneessuufi barsiisuuf waan ta’eef hundi fakkeenya isaanii hordofuun nama haqaa fi nagaa ta’uun keessumaa gara laafina dhala namaa hundaaf gochuun kanneen miidhaman hirphuun, kan dhukkubsatan gaafachuun, kan rakkatan gargaaruun waanjoo walii isaanii baachuun fedhii waaqaafi barsiifata Nabiyyuu Mahaammad jireenya isaaniin agarsiisuun tokkoon tokkoon hordoftoota amantichaarraa kan eegamu ta’uu hubachiiseera.
Wantoonni Nabiyyuu Mahaammad bara jireenya isaaniitti raawwatan hundi dhala namaa rakkoo jiru keessaa kan baasu, kan jijjiiruu fi gara sadarkaa jireenya fooyya’aatti kan geessu ta’uu hayyoonni amantaa irra deddeebiin kan barsiisan ta’uus yaadachiiseera.
Wayita kabaja Ayyaana dhalootaa Nabiyyuu Mahaammad kuma 1 fi 500ffaa kabajnu aadaa walgargaarsaa Itiyoophiyaan ta’uu qabas jedhe.
Keessumaa lammiilee dhukkubsatanii sireerra jiraniifi to’annoo seeraa jala jiran gaafachuun fi jajjabeessuun, warreen rakkoolee garaagaraa keessa jiran ayyaanicha gammachuun akka kabajaniif waan qabnurraa qooduun kabajuu qabna jechuun dhaameera.
Hundarra ammoo nageenya Itiyoophiyaaf, tokkummaafi eebba uummataaf duwaayii gochuun akka dabarsan gaafateera.
Yaa’ichi hoggantoota Amantaa Islaamummaa Itiyoophiyaafi hordoftoota amantichaa maraan baga Ayyaana Dhaloota Nabiyyuu Mahaammad kuma 1 fi 500ffaa nagaan geessan jedheera.
Ayyaanichi kan nagaa, kan gammachuufi kan eebbaa akka ta’us hawweera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.