Yaa’ii 11ffaan ‘Tiink Taank’ Afrikaa eegalame
Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Hanqinaalee imaammatawwanii fi raawwii mul’atan hiikuurratti kan mari’atu Yaa’ii 11ffaan ‘Tiink Taank’ Afrikaa eegalameera.
Yaa’ichi mata duree ‘yaadarraa gara gochaatti’ jedhuun har’aa eegalee guyyoota sadani itti aananiif gaggeeffama jedhame.
Tiink Taankiin Afrikaa dhaabbata dhimmoota Imaammata adda addaarratti qorannoo fi xinxaala mataa isaa gaggeessuudha.
Keessattuu dhimmoota Diinagdee, Siyaasaa fi Teeknooloojiirratti qorannoo fi xinxaala kan taasisuudha.
Yaa’ii har’a eegalame kanarratti hoggantoonni dhaabbilee mootummaa Federaalaa, bakka buutoonni dhaabbilee Ardii Afrikaa fi idil Addunyaa hirmaachaa jiru jedhame.
Yisimaaw Adaraawuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.