Yaa’ii 2ffaan Jijjiirama Qabeenyaa Afrikaa waltajjii Itiyoophiyaan muuxannoo itti qooddudha – TKM
Finfinnee, Qaammee 3, 2017 (FMC) – Yaa’ii 2ffaan Jijjiirama Qabeenyaa Afrikaa waltajjii Itiyoophiyaan hojiilee milkeessite muxannoowwan itti qooddudha jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilichi Yaa’ii 2ffaa Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa har’aa eegaluun hanga Qammee 5, 2017tti magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu ilaalchisee ibsa kenneera.
Itiyoophiyaan waggoottan torban darban keessa biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuun dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf adda dureen hojjetaa jiraachuu hime.
Waltajjiin Finfinneetti taa’amaa jiru kun waltajjii Itiyoophiyaan hojiilee qabatamaan milkeessite muuxannoo itti qooddu ta’uu ibse.
Biyyattiin magaalota buleeyyii ammayyeessuun faalama bishaanii to’achuuf hojiin qarqara lagaatti hojjette barnoota guddaa akka ta’e hime.
Misooma Humna Haaromfamurratti hojiin hojjete fakkeenya gaarii ta’uu eere.
Humna Haaromu oomishuun biyyoota ollaaf dhiyeessuun bu’uuraalee misoomaa fi diinagdee naannichaa cimsuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu kaase.
Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirramni qabeenya qilleesaa qaqqabsiisuuf tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu cimsitee hojjechaa jiraachuu ibse tajaajilichi.
Itiyoophiyaanonni aadaa keessummaa simachuu gaarii qabaatanis hirmaattoota yaa’ichaa akka maatiitti keessummeessuun turtiin isaanii miidhagaa akka ta’u mirkaneessuun jedhe.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.