Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaaf qophii Hoteelotaa…

Finfinnee, Amajjii 22, 2018 (FMC) – Keessummoota yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa baatii itti aanu gaggeeffamu irratti hirmaatan simachuuf hoteelonni qophaa’aniiru jedhe Waldaan Abbootii Qabeenyaa Hoteelotaa Magaalaa Finfinnee.

Pirezidaantii Itti aantuun Waldichaa Bileen Malaakuun turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisaniin, hoteelonni keessummoota haala gaariin simachuun tajaajila fooyya’aa kennuuf qophii xumuraniiru jedhan.

Keessummoonni tajaajila barbaadan akka argataniif waldichi qophii barbaachisaa taasisuus kaasaniiru.

Tajaajila qulqullina qabu kennuuf qaamolee qooda fudhattootaa damee tuurizimii waliin hojii bal’aan hojjetameera jedhan.

Keessummoonni yaa’icharratti hirmaatan akkaataa aadaafi duudhaa biyyattiin kan keessummeeffaman ta’uus dubbatan.

Iddoowwan gahumsa tuurizimiifi aadaafi duudhaa Itiyoophiyaa beeksisuu irratti warreen tajaajila tuurizimii kennaniif leenjiin kennamuu eeraniiru.

Hoteelonni hojii biyya isaanii beeksisuu haalaan akka hojjetaniif leenjii afaanii irraa eegalee leenjii garaagaraa fudhachuun qophii taasisuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.