Yaa’ii Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaan boruu eegala
Finfinnee, Guraandhala 6, 2018 (FMC) – Yaa’ii Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaan boruu eegalee gaggeeffama.
Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Yaa’iin Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa boru sa’aa 3:00 irraa eegalee ifaan kan banamu ta’uu isaa ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Yaa’ii kana ilaalchisee, Kokasiin Dubartoota Filatamtoota Miseensota Caffee Oromiyaa Guraandhala 04, 2018 dursanii argamuun dookumantiiwwan Yaa’ichaaf dhiyaatan irratti marii taasisaa kan turan ta’uu eeruun, Miseensonni Caffee Guraandhala 5 – 6, 2018 marii garee guyyoota lamaaf taasisaa turan har’a ni xumuuru jedhaniiru.
Yaa’iin Caffee boru ganama irraa eegalee ifaan kan banamu yommuu ta’u, ajandaalee Yaa’ichaaf qabaman irratti Guraandhala 7 – 8, 2018 ni mari’ata jedhamee eegama jedhan.
Yaa’ichi gabaasa raawwii Karoora Hojiiwwan Qaama Raawwachiiftuu baatiwwan Jahaan darbanii, Wixinee Labsii tokko, muudama Abbootii Seeraafi ajandaalee biroo Yaa’ii kanaaf qabaman dhiyaatanii irratti mariin kan gaggeeffamu ta’uu dubbatan.
Argannoowwan hordoffii fi to’annoon argaman, gabaasa daawwannaa badheerratti marii ni taasisa jedhan.
Yaa’ii Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa boruu eegalu kun ciminaa fi hanqinaalee mul’atan irratti mari’achuun kallattii gara fuulduraa kaa’uun ni xumuramaan eegama.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.