Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa Hordoftoota Amantaa Kiristaanaaf erga baga geessanii dabarse

Finfinnee, Ebla 3, 2018 (FMC)- Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa hordoftoota amantaa Kiristaana maraaf ergaa baga geessanni dabarseera.

Dhaabbatichi ergaa dabarseen, hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga Ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoosiin nagaan geessan jedheera.

Du’aa ka’uun Iyyesuus guyyaa gara laafinni fi jaalalli waaqayyoo inni guddaan itti mul’ate, duuti itti mo’atame, ilmaan namootaa baroota hedduuf gaaddiduu du’aa jala turaniif ifni jireenyaa inni guddaan itti ba’eefi warra hidhaa seexanaa jala turaniif immoo hiikamuun itti lallabame, guyyaa injifannoo fi guyyaa hiikamuu isa guddaa dha jedhe.

Kiristaanonni ayyaana du’aa ka’uu waggaatti guyyaa tokko qofa yaadachuu akka hin qabne ergichaan ibsameera.

Iyyesuus Kiristoos gatii jaalalaa ilmaan namootaaf kaffale yaadachuun, jireenya qajeelummaa inni barsiiseefi agarsiise obsaan jiraachuun, wal jaallachuun, jibba dhabamsiisuun, gargar ba’uu lagachuun, jaalala, gara laafina, wal-kabajuu fi wal-gargaaruun wajjiin jiraachuun barbachiisaa ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.