Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Gadaa Siikkoo Mandoo hara Laangaanoo irratti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Yaa’iin Gadaa Siikkoo Mandoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii hara Laangaanoo irratti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’iin kun guyyaa har’aa bakka Abboottin Gadaa, hadhooliin Siinqee, hoggantoonni olaanoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa argamanitti eegalameera.

Yaa’ii kanarratti ilmaan Oromoo Sikkoo Mandoo qubsuma isaanii mararraa argamuun, seera bahuufi lallabamu waraabbatanii gosaatti galanii akka jabbeessan himameera.

Yaa’ii kanaan seeronni gurguddoon Shan kan lallabaman yoo ta’uu, seeronni lallabamaniis Yaa’iin Gadaa Arsii fuuldurratti akkamitti gaggefamuu akka qabu, seerota fuudhaa fi heerumaa Gadaa Oromoo  Arsii keessatti tumaaman, seera gumaa itti fiixatan, nageenya labsuu fi dhaloonni safuu fi duudhaatti akka deebi’u irratti xiyyeeffachuun kan lallabamu ta’uun himameera.

Yaa’ichi guyyaa har’aafi boruu hara Langaanoo irratti gaggeeffama.

Feenaan Nuguseetu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.