Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa aadaa keessummaa simachuu ummata keenyaa beeksisuuf gumaacheera-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC)-Yaa’iin Gamtaa Afrikaa Magaalattiitti diinagdee dadammaqsuu bira darbee bakkeewwan hawwata tuuriizimii fi maqaa gaarii magaalattii akkasumas aadaa keesummaa simachuu ummata keenyaa gama beeksisuun gumaacha taasisuu Kantiibaan Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Yaa’iin 38ffaan Gamtaa Afrikaa haala kan kanaan duraarraa adda ta’ee fi miidhaginaan gaggeeffamaa turuun kaleessaa galgala xumuramuu ibsaniiru.

Yaa’ichi magaalattiitti dadaammaqiinsa diinagdee uumuu bira darbee, bakkeewwan hawwata tuuriizimii fi maqaa gaarii magaalattii akkasumas aadaa keesummaa simachuu ummataa gama beeksisuun gumaacha taasisuu himaniiru.

Yaa’ii kanaan Finfinneen akkuma kanaan duraa aadaa keessummaa simachuu fi itti gaafatama dachaa jiruun dhaabbilee federaalaa fi jiraattota magaalattii waliin ga’umsa keessummeessuu olaanaa kan agarsiiste yoo ta’u, hojiilee walta’iinsaan hojjetamaniin biyyattiif qofa utuu hintaane Afrikaanotaa obboleeyyaniif gammachuu ta’uu irra deebiin agarsiisneerra jedhaniiru.

Keessummoonis waan arganitti ajaa’ibamaa, Finfinnee turuu jaallachaa fi irra deddeebiin dhufuu hawwuun ta’uu dhageenyeerra jedhn.

Jiraattonni magaalattiis aadaa keessummaa simachuu fi kabajuu, akkasumas yaa’icha keessummeessuuf daandiileen wayita cufaman obsaa fi qajeelummaa olaanaa agarsiisaniif galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.