Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Gamtichaa giddugalummaa Dippiloomaasii Itiyoophiyaa daran haala mul’isuun keessummeessuuf qophiin taasifameera-Koricha

Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC)- Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 38ffaa giddugalummaa Dippiloomaasii Itiyoophiyaa daran haala mul’isuun keessummeessuuf qophiin taasifamuu Walitti Qabduun Koree Qophii Biyyaalessaa fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsan.

Yaa’icha milkeessuuf dhaabbilee 35 hammatee hojii kan eegale korichi qophiiwwan duraa xumuraman ilaalchisuun ibsa waloo kennaniiru.

Ibsichaan Ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoon akka jedhanitti, Yaa’ii 38ffaa Gamtaa Afrikaa fi Walga’ii 46ffaaf Mana Maree Hojii Raawwachiistuu gamtichaa keessummeessuuf qophii gahaan taasifameera.

Yaa’ii gamtichaa baranaan giddugalummaa dippiloomaasii Itiyoophiyaa daran haala mul’isuun xiyyeeffannaan kennamee qophiin taasifameera jedhan.

Baatiiwwan 6’n darban sagantaaleen sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaa 40 ol haala giddugalummaa dippiloomaasii Itiyoophiyaa mul’isuun keessummeeffamuu ibsan.

Yaa’ii 38ffaa gamtichaas Itiyoophiyaan akka miseensaa fi biyya keessummeessituutti, qophiilee bu’uuraa taasisuun, haala mijeessitoonnii fi keessummeessitoonni Afaan Ingiliffaa, Arabiffaa fi Faaransaayiin leenji’anii bobbaafamuu ibsaniiru.

Dhaabbilee hoteelotaa, geejjibaa fi tajaajila biroo kennaniif hubannoo barbaachisaan umamuu ibsanii, nageenya keessummootaa eegsisuuf Poolisii Federaalaa, Poolisii Magaala Finfinnee fi nageenyaa odeeffannoo biyyaalessaa walta’uun qophii taasisuu ibsaniiru.

Tajaajila elektirikii, bishaan, teelekoomii fi tajaajiloota walqabatan biroo saffisaan kennuuf hojmaannii dandeessisu diriirfamuu kaasaniiru.

Buufataa Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti humni namaa gahaan ramadamuu fi keessummoonni tajaajilaa immigireeshinii fi gumurukaa akka argataan ni taasifamas jedhan.

Ogeeyyiin miidiyaalee biyyoota garaagaraarraa dhufan tajaajila barbaachisaa akka argataniif gamaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaan qophiin taasifamuu kaasuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.