Yaa’iin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaan gaggeeffamuu eegale
Finfinnee, Qaammee 3, 2017(FMC)- Yaa’iin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’ichi mata duree “Furmaatawwan Qabeenya Qilleensaa Idil-addunyaa saffisiisuu, Misooma Magariisaa Afrikaa Faayinaansiin Deeggaruu” jedhuun Qaammee 3- 5, 2017’tti gaggeeffama.
Sagantaa baniinsa yaa’ii kanaarratti Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Pireezidaantii Angoolaafi Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa Joo’aa’oo Looreenchoo fi Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaamud Alii Yusuuf dabalatee hoggantoonni biroon biyyoota Afrikaa fi hirmaattonni kutaalee addunyaa garaagaraarraa dhufan argamaniiru.
Yaa’ii kanarratti furmaatawwan hawaasarratti xiyyeeffatan kan calaqqisiifaman, ajandaan waloo Afrikaa kan bocamu akkasumas biyyoonni jijjiirama qabeenya qilleensaaf deeggarsa maallaqaa, karoora walsimaa fi guddina waaraaf waadaa kan itti seenan ta’uun ibsameera.
Kana malees furmaatawwan naannawaa haala tarsiimoo qabeenya qilleensaa ardichaa waliin walitti hidhuun danda’amurratti ni mari’atama jedhameera.
Torban darbe irraa eegalee Waltajjiin Torbee Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Idil-addunyaa fi Yaa’iin Afrikaa- Kaariibiyaan magaalaa Finfinneetti haala ho’aa ta’een gaggeeffamuun kan yaadatamudha.
Masaafint Birilleen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.