Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaan xumurame

Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Qaammee 3-5, 2017 Finfinneetti gaggeeffamaa kan ture Yaa’iin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaan xumurameera.

Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen sagantaa xumuraa yaa’ichaarratti akka jedhanitti, yaa’ichi dhimma jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti mari’achuurra darbee egeree waloo kan murteesse ture.

Afrikaan harka deeggarsa biyyoota biroo kan eegdu osoo hin taane qaama furmaataa ta’uus dubbataniiru.

Ardittiin kuufama humna magariisaa qabdu eeguu akka qabdus hubachiisaniiru.

Kanaaf ammoo bosona misoomsuu fi maddeen lageenii keenya irra deebiin akka dandamatan gochuu fi cirama bosonaa eeguu qabna jedhan.

Afrikaanonni egeree isaanii ijaaruu akka qaban eeruun, Hidha Haaromsaa qabeenyaafi beekumsa lammiilee biyyattiin ijaarame akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Yismaawu Adaraawutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.