Yaa’iin oomishaan booda qisaasama hir’isuu Afrikaa Finfinneetti gaggeeffama
Finfinnee, Adoolessa 27, 2017(FMC)- Yaa’iifi agarsiisni oomishaan booda qisaasama hir’isuu Afrikaa 5ffaan Fulbaana 6-8,2018 Finfinneetti gaggeeffama.
Yaa’ichi oomishaan booda qisaasama hir’isuu fi qonnaafi sirna nyaataa haala cimsuun danda’amurratti ni mari’ataan eegama.
Yaa’icharrattis bu’aaleen qorannoo garaagaraa kan dhiyaatan ta’uufi agarsiisni garaagaraas kan dhiyaatan ta’uun ibsameera.
Qonnaan bultoota, qorattoota, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee siiviilii hawaasaa dabalatee jilli 400 ol yaa’ii kanarratti ni hirmaataan eegama.
Yaa’ichi kutannoo Afrikaan wabii nyaataa fi misooma waaraa mirkaneessuuf qabdu kan agarsiisudha jedhameera.
Komishiniin Gamtaa Afrikaa deeggartoota misoomaa, qaamolee qooda fudhattootaa damee barnootaafi damee dhuunfaa waliin ta’uun yaa’ii ardii qopheessuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo:
www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.