Yaa’iin Qulqulluu Siinoodoosii eegalame
Finfinnee, Onkololeessa 12, 2018 (FMC) – Manni Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa har’a Yaa’ii Qulqulluu Siinoodoosii gaggeessuu eegaleera.
Paatiriyaarikiin mana amantichaa eebbifamoo Abunee Maatiyaas yaa’icha eebbaan eegalchiisaniiru.
Hojiileen mana amantichaa keessatti raawwatamu kamuu akkaataa seeraan raawwatamuu akka qabu keessaan eebbifamoo Abunee Maatiyaas ergaa baniinsa yaa’ichaarratti dabarsaniin.
Hundi nageenyaa fi tokkummaa biyyaaf hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.
Phaaphaasonni biyya keessaa fi alaa yaa’icharratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, dhimmoota mana amantichaa fi biyyaalessaarratti ni mari’atuun eegama.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.