Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iwwan idil addunyaa torbeewwan itti aanaan Finfinneetti taa’aman keessummeessuuf qophii gahaan taasiifamaa jira

Finfinnee,  Adoolessa 3, 2017 (FMC) – Yaa’iwwan idil addunyaa torbeewwan itti aanaan Magaalaa Finfinneetti taa’aman ga’umsaan keessummeessuuf qophii gahaan taasiifamaa jira jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.

Haaluma kanaan Yaa’iin Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii 2ffaan Adoolessa 20 -22, 2017 Finfinneetti taa’ama.

Akkasumas Yaa’iin Jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuu Qaammee keessa kan taa’amu yoo ta’u, namoonni kumni 25 ol irratti hirmaatuun eegama.

Itiyoophiyaan yaa’iwwan kanneen akkaataa faayidaa biyyaalessaa kabachiiseen keessummeessuuf, akkasumas muuxannoo qooduuf qophii taasiisaa jiraachuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon ibsaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa barnootaa fi daawwannaaf gara Ameerikaa imalan yeroo kennameefitti sirnaan akka fayyadaman hubachiisan.

Kanneen yeroo isaanii dabarsan adabbii cimaan kan isaan eegatu ta’uu yaadachiisan.

Akkasumas lammiileen biyyoota kamiiyyuu Viizaan gara Itiyoophiyaa dhufan yeroo kennameef itti sirnaan akka fayyadaman hubachiisuun, kan seera darban adabbiin isaan eeggata jedhan.

Adabbiin kun dhalattoota Itiyoophiyaa eeyyamaa jireenyaa Itiyoophiyaa keessa jiraachuu hin qabne hunda dabalata jechuun ibsan.

Ashannaaffii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.