Fana: At a Speed of Life!

Yakka daddabarsa namootaa olaanaan barbaadamaa kan ture Yitibaarak Daawiit waahillaan isaa waliin to’atame

Finfinnee, Bitooteessa 28, 2018 (FMC) – Karaa seeraan alaa namoota daddabarsuun akkaan barbaadamaa kan ture Yitibaarak Daawiit waahillaan isaa waliin to’atame jedhe Poolisiin Federaalaa.

Namoota kuma 3 ol karaa seeraan alaa daddabarsuun lubbuun darbuu namoota 100’f sababa kan ta’ee fi dubartoonni 50 ol akka gudeeddaman kan taasise Yitibaarak Daawiit(Kibroom) waahillaan isaa 9 waliin to’annoo jala ooluu ibse Poolisiin Federaalaa.

Namni kun Naannoo Tigraay magaalaa Shireetti to’annoo jala ooluu ibse.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.