Yakki reebichaa Abbaa Seeraa Jiinenuus Nagaasaarratti raawwatame qoratamaa jira – MMWO
Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC) – Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullalleetti yakka reebichaa Abbaa Seeraa Jiinenuus Nagaasaarratti raawwatame qorachaa jiraachuu beeksise.
Manni murticha qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun dhimmicha hordofaa jiraachuu ibseera.
Gochaa raawwatame waliin wal qabatee qorannoon akka gaggeeffamu Godinichaaf qajeelfamni darbee qorannoon gaggeeffamaa akka jiru himeera.
Qorannichi waayita xumurame ummataaf kan ifoomsu ta’uu beeksiseera.
#Oromiyaa #Ethiopia