Fana: At a Speed of Life!

Yakkoota daangaa ce’an ittisuuf hojjetamaa jira- Komishinara Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el

Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Sirna ittisa yakkaa hawaasa hammateefi odeeffannoo irratti hundaa’e babal’isuun biyyarra darbee yakkoota daangaa ce’an ittisuuf hojjetamaa jira jedhan Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el.

Yaa’iin Komishinaroota Poolisii 20ffaan mata duree “ Tokkummaa Poolisummaa Nageenya Waaraaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabaramikaa’el wayita kana riifoormii dhaabbilee nageenyaa waggoottan jijjiiramaa darban keessa hojjetameen humna poolisii sadarkaa ergama biyyaalessaa gahumsa olaanaan bahachuu isa dandeessisurraan gahuun danda’ameera jedhan.

Hidhannoo ammayyaafi loojistiksii guutuu dabalatee leenjiifi humna poolisii piroofeeshinaalaa yeroo madaalu ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Tumsaafi qindoomina biyya keessaafi alaa babal’isuun dandeettii ittisaafi qorannoo yakkaa guddisuun danda’ameeras jedhan.

Dhaabbata poolisii cimaa ijaaruun fi dandeettii Poolisii Federaalaan uumame gara naannoleetti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Layikun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.