Fana: At a Speed of Life!

Yeroo itti aanutti Naannoo Tigraayitti ajandaan marii biyyaalessaa walitti qabuu ni gaggeeffama- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa

Finfinnee, Caamsaa 24, 2017(FMC) – Yeroo itti aanutti Naannoo Tigraayitti ajandaan marii biyyaalessaa walitti qabuu ni gaggeeffama jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan.

Akka Piroofeesar Masfin Ara’aayaan jedhanitti, marichi hirmaachisaa waan ta’eef naannoo Tigraay osoo hin hammatiin milkaa’inni isaa waan yaadamu miti.

Kanaaf hojiin komishinichaa itti aanu naannoo Tigraayitti ajandaa marii walitti qabuudha jedhan.

Kana malees lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota alaa jiraatan waliin sagantaan ajandaa marii walitti qabuu kan gaggeeffamu ta’uu hubachiisaniiru.

Gama biraan qaamoleen qabsoo hidhannoorra jiran ajandaa isaanii gara mariitti akka fidan waamicha dhiyeessaniiru.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.