Yuunaayitid tapha xumuraa Waancaa Yurooppaa Liigiif dhaqqabe
Finfinnee, Caamsaa 1, 2017 (FMC) – Maanchester Yuunaayitid Atileetik Bilbaa’oo injifachuun tapha xumuraa Yurooppaa Liigiif darbe.
Yuunaayitid tapha dhaqaa galaa Biilbaa’oo waliin taphate goolii 7-1’n injifachuun darbuun Tootenhaam waliin waancaaf falmata.
Yuunaayitid bara 2017 leenjisaa Joosee Mooriinihoo waliin waancicha yoo injifatu, bara 2021 ammoo xumuraaf gahee Viilaariyaaliin injifatamuun waancaa dhabee ture.
Bara kana Piriimiyerliigii Ingilaandiin sadarkaa 15ffaa fi 16ffaarra kan jiran Yuunaayitidi fi Tootenhaam waancaa kana milkeessuuf morkii cimaafi isaan eeggata..