Fana: At a Speed of Life!

Yuuniivarsiitichi qorannoo irratti hundaa’uun rakkoolee hawaasichaa furaa jira

Finfinnee,Caamsaa 20, 2017 (FMC) – Yuuniivarsiitiin Haromaayyaa rakkolee hawaasumaa fi dinagdee hawaasaa furuuf qorannoo fi qo’annoon geggeessuun hojii hojjechaa tureen bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aa jiru.

Yuuniivarsiitichi woorkishooppii gamaaggama qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa marsaa 42ffaa gaggeessaa jira.

Yuunivarsitiin Haramaayaa yuunivarsitiiwaan biyyaattii qo’anoo fi qorannoon filataman saddeet kessaa tokoo tahuun dameelee qonnaa fi fayyaaatiin qorannoowwan garaa garaa geggeessee hojilee fayyadamumaa hawaasaa mirkanessan hojjechaa jiraachuu Ittii gaafatamaan Dhimma Qorannoo fi Tajaajilaa Hawaasaa Yuuniivarsiitichaa Dooktar Yiisaaq Yuusuf workishooppicha irratti himaniiru.

Akka Dooktar Yisaaq jedhanitti, hojii damee tajaajila hawaasaan hojjetameen lammilee hedduuf carraan hojii uumameera.

Kanneen yaada bizinasi fooyya’aa qabanis filatamuun deggersi ogummaa kennameefii hojiitti galuuf adeemsarra jiru.

Omishaa fi oomishtummaa hojii qonnaa hawaasa naannichaa guddisuufis akaakuu midhaan adda addaa irratti qoranoo geggeessuun sanyiiwwan filatamoo gosoota 100 ol hawasaaf raabseera.

Hanqina dhiyeessii fuduraalee furuufis biqiltuuwaan nyaataaf olan kuma 100 ol dhaabee kuununsaa jira.
Dame misooma tuuriizimiitiinis marsariitii haaraa uumuun iddoowwan hawwata tuurizimii baha biyyattitti argaman beeksisaa jira jedhan Dooktar Yisaaq.
Dame tajaajila seeraatiinis qarshii miliyoonna 93 baasuun tajajilaa seeraa bilisaan kannaa akka jirus himan.

Walitti qabaa ittii aanaan boordii yuunivarsitichaa pirofeesar Imaanaa Geetuu gamaa isaaniin yuunivarsitichi qorannoo geggeessu kessattii bu’aa barbadamu argamsiisuuf yaada hawaasaa akka galteetii fudhatee itti fayyadama jedhan.

Yaada hawaasaa akka galteetti walitti qabuufis waggaa waggaan woorkishooppii akkanaa geggeessaa dubbatan.

Workishooppii marsaa 42ffaaf taa’ame kana irratti Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Gazaalii Abbaa Simal dabaltee keessummoonni biroo argamaniru.

Yaasiin Shamsaddiintu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.