Yuuniivarsiitiin Aviyeeshinii Itiyoophiyaa barattoota leenjisaa ture eebbisiise
Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FMC) – Yuuniivarsiitiin Aviyeeshinii Itiyoophiyaa barattoota sadarkaa 2ffaa 28 dameewwan barnootaa saayinsii, teeknooloojii, maandisummaafi herregaan leenjisaa ture eebbisiiseera.
Eebbifamtoonni kunneen kutaalee biyyattii garaagaraarraa kan walitti babba’an ta’uun ibsameera.
Leenjichi barattoot dameewwan barnootaa saayinsii, teeknooloojii, maandisummaafi herregaan ogummaa gonfachiisuurratti kan kaayyeffatedha.
Leenjiin waggoottan sadan darban walitti fufiinsaan kennamaa ture carraa bu’aa olaanaa galmeessisuu fi fedhii barattoonni barnoota olaanaaf qaban guddisuu ibsameera.
Yuuniivarsiitichi Kanaan dura dameewwan lamaan barattoota sadarkaa 2ffaa 50 ol leenjisuun eebbisiisuun isaa kan yaadatamudha.
Maraa’ol Kadirtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.