Fana: At a Speed of Life!

Yuuniivarsiitiiwwan garaagaraa barattoota ogummaa addaa addaan barsiisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017(FMC)- Yuuniivarsiitiiwwan garaagaraa barattoota ogummaa addaa addaan barsiisaa turan guyyaa har’aa eebbisiisaniiru.

Yuuniivarsiitiin Dabra Birhaan barattoota digirii jalqabaafi 2ffaan barsiisaa ture kuma 1fi 359 eebbisiiseera.

Yuuniivarsiitichi barattoota kuma 1fi 108 digirii jalqabaan, 251 ammoo digirii 2ffaan eebbisiise.

Dabalataanis Yuuniivarsiitiiwwan Miizaan Teeppiifi Gaambeellaa barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa turan eebbisiisaniiru.

Yuuniivarsiitiin Gaambeellaa barattoota digirii jalqabaafi 2ffaa akkasumas sagantaalee biroon barsiisaa ture 701 eebbisiie.

Saganticharratti Pireezidaantii naannichaa Alamituu Umood dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa, miseensonni boordii Yuuniivarsiitichaafi keessummoonni biroon argamaniiru.

Yuuniivarsiitiin Miizaan Teeppiis guyyaa har’aa barattoota dameewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture 638 eebbisiiseera.

Salaam Asaffaafi Tasfaayee Mirreessaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.