Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitichi guyyaa hundeefama isaa waggaa 30ffaa kabaja jira

Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa guyyaa hundeefama isaa waggaa 30ffaa kabaja jira.

‎Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa waggootan 30n darban keessa lammilee hunda beekumsaa fi dandeettin ga’oomsaa jiraachuu Pireezidantiin yuunivarsiitichaa Dooktar Garaamoo Huluqaan ibsan.

‎Yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsisuu qofa osoo hin taane qorannoo fi qo’annoo taasisuun jireenya hawaasa jijjiiraa jiru ta’uu dubbatan

Qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti dhaabbata qooda olaanaa bahataa jiruudha jedhan. ‎

‎Yuunivarsiitichi  hojiilee mootummaan hojjetu si’ataa fi dhaqqabamaa akka ta’u gahe guddaa bahachuu Itti gafaatamaan Waajjirra Pireezidantii mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktar Aldulaziiz Dawuud kaasaniiru.

‎Hojii Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota barnoota fi Teeknooloojiin ijaaruuf hojjetaa jiru keessatti dhaabbata gahee olaanaa bahataa jiruudha jedhan.

‎Miidhagsaa Qachaatiin

‎#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.