Yuunivarsiitichi namoota kuma 1fi 700 ta’aniif wal’aansa moora ijaa bilisaan kenne
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitii Arsiitti Hospitaalli Barsiisummaa fi Riiferaalaa Asallaa jiraattota kuma 1 fi 700 ta’anii wal’aansa moora ijaa bilisaan kenneera.
Ispeeshaalistii ijaa Yuunivarsitii Arsii Hospitaala Asallaa kan tahan Dooktar Moltootaal Muhaammad yaada FMC’f kennaniin waggaa tokko keessatti si’a afraffaaf jiraattoota yaala ijaaf aanaalee godina Arsii irraa dhufaniif bilisaan kennaa jiraachuu dubbatan.
Manguddootafi haadholii kuma 1 fi 700 ta’aniif tajaajilli yaala bilisaa kun kennamuu eeran
Olyaad Ahmad
#Oromia #Ethiopia